Saturday, November 16, 2019

SAMMUU ILMA NAMAA

SAMMUU

  •  Sammuun maali?

    • Sammuu maaltu miidha?

      • Eegumsa sammuuf godhamuu qabu maali?

sammuu jechuun qaama akka jiddu galeessatti sirna nervii hogganuudha. Qaama ilma namaa keessa qaama wal xaxa tahe kan uumameedha. Innis kan argamu mataa keessatti qaama miraatti dhihoo tahuudhaan beekkama. fakkeenyaf:- ija.

Sammuun qaama hunda isaa ajaja itti dabarsuun dura taa'a qaama hundaati. Maashinii caala saffisa seekondii xiqqa(microsecond) keessaatti hojii baay'ee hojjachu danda'a. Hoojilee hojjatamu hunda kan gaggeessu sammuudha. Sammuun kuutale adda adda qabachuun qaama keenya garagara ajaja itti dabarsuun waan naanno irrattis uumame madaalun ajaja gara qaama dhimma ilaalatu dabarse akka rawwatamu godha. Fakkeenyaaf : yaadu, haasawu, deemu, jijjirama qileensa fi hojii tasa ta'us hundama isa rawwachiisuudha. 

 Sammuu maaltu miidha?

Sammuu kan miidhamu dandessuun karaa lama.

➤ Dhukkuba(miidha) sanyiin daddabru.

➤ Miidha naannoo, jiruu fi jireenya jiraannu irra dhufu.

Dhukkuba(miidha) sanyiin daddabru keessa:-

               ➤Dhukkuba onnee 

               ➤Dhukkuba sukkaaraa

               ➤Dhukkuba istirookii(stroke) fi

               ➤Rakkina irranfachuu(Memory loss) fi yaadu dadhabuu.

Miidha naannoo, jiruu fi jireenya jiraannu irra dhufu:-

               ➤Cinqamu(mukaa'uu)

               ➤Qoricha ajaja malee fudhachu

               ➤Soorata gaha arkachuu dhabu

               ➤Tamboo aarsu

               ➤Alkooli dhuguu

               ➤Hirriba gaha rafuu dhabu

               ➤Sochi qaama godhu dhabu

 Eegumsa sammuuf godhamu qabu maali?

Sammuu keenyaf eegumsa godhuuf waan beeku qabnu keessa, dhukkubni sanyiin daddabru dhorku hin dandeenyu garuu too'aatu dandeenya. yeroo dhukkubni nurratti argame gara mana yaala deemun qajeelfama doktariin nun jadhe hordafuun qoricha nuf laatame sirritti fudhachuun too'achu ni dandeenya.

Jiruu fi jireenya keenya keessatti naannoo jiraannu irra eegale waan heddu nu qunnamu danda'a. Ilma nama ta'e kan rakkina hin qabne hin jiru rakkina keenya kara itti too'annu qabaachu qabna osoo miidha sammuu keenyarra hin fidne. Miidhaan naanno irra nurra gahu karaa adda addatiin too'atamu ni danda'a.

              ➧Cinqamu(mukaa'uu): haalli cinqamuu(mukaa'uu) ofirra itti ittisu dandeenyu kophummaa dhisuun, hawaasa naannoo waliin hirmaachuu, haasa hawaasa , rakkina hawaasa keessa jiruu waliin mari'achuun yaada fi furmaata irratti waliin haasa'udha. hirmaanna hawaasa cimsuun, yaada ofii nama itti dhihaatanitti himuun cinqi irra of baasun ni danda'ama.

               ➧Qoricha ajaja malee fudhachu: qorichi ajaja doktara malee fudhannu rakkina qaama keenya irra fiduun sammuu keenya miidhu danda'a. kanaafu qoricha ajaja malee furachu irra of qusachuun qoricha yeroo doktarri nuf ajaje irra hundoyne fudhachu qabna.

               ➧Soorata gaha arkachuu dhabu: sooratni gahaan qaamaf fayya keenya nuf eega. Fayya qabessa tahuun qaama keenya sammuu keenyafi xiinsammuu keenyaf baay'ee barbaachisaadha. Namni yaadni isa soorata gaha argachuuf kan yaadu kan cinqamu yoo tahe sammuu isaarra rakkina fiduu danda'a, yaadni isa yeroo hunda soorata arkatuu sanirra waan tahef xiinsammuun isa miidhamuu danda'a. Fayya keenya fi xiinsammuu keenyaf faayida gudda qaba soorata gaha argachuun.

               ➧Tamboo aarsu: tamboon rakkina somba keenyarran gahu baay'ee guddaadha. Fayya keenyaaf miidha gudda nurra geessisa. Miidhaan tamboon fidu danda'u keessa : istirooki, dhukkuba onnee fi dhukkuba somba. Tamboo aarsu dhiisun fayya sammuu keenya fi qaama keenya eegu ni danda'ama.

               ➧Alkooli dhuguu: alkooli dhugun madaala qaama keenya nu dhorka. Seeliin sammuu keenya akka walif galani hojii isaani sirritti hin hojjanne godha. Miidhaan alkooli irranfi, miira adda adda, hoo'a qaama akka qaamni ilma nama baratamoo(normal) akka hin hojjanne taasisuun sammuu keenya miidha. kanaafu alkooli irra of qusanne fayya sammuu keenya eegu qabna.

               ➧Hirriba gaha rafuu dhabu: yeruuma hundahuu umrii fadheti hirriba gaha arkachuun fayya qabessumma sammuu keenya dabaluu danda'a. hirriba gaha rafuu dhabuun irranfi, xiyyeeffanna fi hojiile garagara sirritti akka hin hojjanne taasisa.Hirribni gahaan sammuu fi fayya keenyaf barbaachisaadha.

               ➧Sochi qaama godhu dhabu: sochii godhu dhabuun carraa dhukkuba suukkara, dhukkuba onne fi mukaa'insa namatti fiduun isaa ol'aanadha. kanaaf sochii qaama godhuun qaama keenya shaakala garagara barsiisun of eegu ni dandeenya.


FAYYAA SAMMUU KEENYAA OF EEGUUN GAMMACHUUN HAA JIRAANNU.

1 comment:

SAMMUU ILMA NAMAA

SAMMUU  Sammuun maali? Sammuu maaltu miidha? Eegumsa sammuuf godhamuu qabu maali? s ammuu jechuun qaama akka jiddu ...