Bilbila keenya akkamitti haaromsu (Factory Reset) godhu dandeenya?
Akkaataan moobayila keenya ittti
haaromsinu bifa lama jira.
- Haaromsa qindaa'ina (setting)
mobaayiila keenya keessan godhamuu.
- Haaromsa cimaa (hard
reset) jedhama.
·
Haaromsi
isa tokkoffaa tartiiba armaan gaditiin fayyadamuu dandeenya.
HUBACHIISA:-
haaromsi kun kan fayyadu dandayu bilbila sirna dalaga (operating system(OS) )
isaani android tahef.
Moobayila
keenya erga banne booda gara qindaa'ina(setting) moobayila keenya seenna, bilbilli
gara gara waan jiruuf tartiiba itti aanuf gara General Management kan jedhu
seenun Reset kan jedhu irratti tuqaa. tartiiba suura armaan gadiitti kanname kanan bilbila keenya haaromsu ni dandeenya.
Setting → General Management →
Reset →Factory data Reset
Tartiiba
armaan olii kanname factory reset erga tuqne booda
akeekachiisa(warning) yoo nuti kuusa moobayila(phone storage) keenya
haquu akka barbannu nu gaafate booda iggita(password,pattern yookan PIN)
moobayila keenya itti galchuun bilbila keenya haaromsu ni dandeenya.
Bilbila gosa adda addaati jira bifa fooyya'insa isaaniitin(android version).
bilbila keenya haaromsuuf tartiiba arman gaadi kanas fayyadamu ni dandeenya.
Setting→backup and reset→factory reset→Reset
HUBACHIISA :- Yeroo
bilbila keenya haaromsinu faayila fi galmee kuusa(Google accounts,
installed app, music, pictures, videos and all other user data) bilbila
keenya kessa qabnu hunda akka balleyfamu beeku qabna.