Thursday, July 4, 2019

Password(iggitaa) facebook keenya yoo daganne akkamitti jijjiiru dandeenya?

Password(iggitaa) facebook keenya yoo daganne akkamitti jijjiiru akka dandeenyu akka arman gaditti waliin ilaalla.


HUBACHIISA:  iimeli fi lakkofsa bilbila facebook keenya itti fayyadamnu, kan yeroo amma harka qabnu itti fayyadamu jirru tahuu qaba.

Yeroo facebook fayyadamuuf (log in) jennu iggita keenya yo kan irraanfannu tahe forget password kan jedhu irratti tuqaa 

  • Filannoo lama kan nuf dhufu iggita keenya jijjiirre tarii facebook keenya mobaayila biraa keessatti yookan mosajji(software) akkaa messenger, opera browser, chrome browser fi k.k.f keessatti kan fayyadamne yo tahee facebookn keenya iggitaa erga jijjiirre booda akkuma jiruutti yoo kan ta'uu jenne barbadne filannoo isa duraa filannee (CONTINUE) kan jedhu tuyna.
  • filannoo isa lammaffaa facebookn keenya mosajjii fi mobaayila yeroo amma duraa itti fayyadamne hunda keessa ni baha , facebook iggitaa erga jijjiirtee booda akka haarawa software hundarratti seenu dandeessa filannon kun eegumsa facebook keenyaaf baay'ee barbaachisaadha.

  • Maqaa, iimeli yookaan lakkoofsa bilbila keenyaa kan itti fayyadamnu itti naquun facebook keenya nuf baasa. Facebook keenya irratti tuquun gara filanno itti aanu kan suura arman gadii ilaala.



  • Erga facebook keenya nuf fidee filanno qabnu keessa koodii haaromsa bakka irratti nuf ergu kan nu gaafatu taha innis :- lakkoofsa bilbilaa yookaan iimeli.  Filannoo kana booda koodii haaromsa gara bilbila keenya yookaan iimeli ergama.



  • Koodii haaromsa garaa lakkoofsa bilbilatti yookaan iimeliitti ergame bakka duwwa kanatti guutun (Continue) kan jedhu tuqa. Koodiin yo kan isinif hin ergamne tahe (Didn't get a code ) kan jedhu tuquun irra debi'ame akka ergamu taasisa.



  • Dhumarratti iggitaa (password) harawa itti naquun (continue) kan jedhu tuquun iggitaa facebook keenya jijjiiruu dandeenya.


                  




SAMMUU ILMA NAMAA

SAMMUU  Sammuun maali? Sammuu maaltu miidha? Eegumsa sammuuf godhamuu qabu maali? s ammuu jechuun qaama akka jiddu ...